DHAKAA FI CIRRACHA WALIRRA TUULUU DUWWAAN GUDDINA DINAGDEE HIN FIDUU!

Published by Ayele Gelan on

Waggaa shanan tokko fuuldura, barattoota univarsiti eebissuu dhaaf hooggantoonii ODP (enna sana OPDO), bakka addaa addaa ti ergamani turan.  Hundii saanii yoo haasaa godhan, waanuma tokko irratii xiyyeeffatan:  wal ijaaraatii kobil stoonii dhan daandii tolchaa! Kana turee dhaamsi saanii. 

Hojjaan haatuffatamu jechuu koo mitii, waan faala waayiin dhaamsa sana keessati argee malee! Garuu, attamiti namni hundii kobil stoonii dhan daandii tolchee jiraata?  Kan bira, dhaamsi fi gorsi suni, waan wari haasa gochuu dhaqaan xiinxalanii dubbatan otto hin taanee, walii galteen hundii keessan akkas jedhaa waan jedhaman fakkaatee natti mu’aateeyyuu.  Akkasittii hasa’aa jedhamani akka ta’ee shakki hin qabuu. Eenyuu ajaja akkasi akka keenneeyyuu beekamadha.

Har’aa kana katabuu kan nakaasee, haasa hogganaan ODP Gudar, Obboo Masarat Olaana taasisee OMN irratii iddan dhageeffadhee booda.  Saba Gudar tu ODP balaleefatee. “Hojja dhabnee, jiruun nutti ulfaatee,” jedhuu.  Geeddaramni ta’aa jira jedhaa garu waanti geeddaramee hin jiruu, warrii kaabinee asuma wal nyaachaa hooluu, otto homaa saba hin hojjatiin ji’aa lakka’ani minda fudhatuu fi waan kkf kaasani hadheefatanii dubbatan. 

Kanaa fi egaa Obbo Masarat deebii keenuu dhaf kan carraqee.  Maal jedhee yoo deebii kennu?  “Laga jijiga jedhamu tokko, asuma dhiwoo dha, cirracha baasuu dhaaf yaadnee, projektii qopheesinee mottuumattii erginee, kunno deebii eegaa jira…”

Ammas waayeedhuma dhakka yaaduu wari ODP!  Ani kana jedhuu, dinagdee saba tokko jechuun dakkaaf waan dhakaa faana wal fakkattu eenytuu jedhee? Dur akkas jedhamee itti himameera ta’aa.  Waan itti himamee sana fudhattani akka itti himametti hojjaarra hoolchhun dhirqama saanii turee, bara sana.  Garuu ammas maaliif akkuma duritii yaaduu? 

Deebiin sa salphadha.  Otto offiin hin yaadiin waan itti himaamee hojjaa irra hoolchuutuu ammala itti ta’ee.  Muuxxannoo xinxaalani, bilcheessanii,  hojja irra hoolchuu hin qabaan fakkaata.  Namni birra xiinxalee waan gorsa keennee fis fudhatanii hoojja irra hoochu waan barbaadan hin fakkaatuu. 

Akkas yoo ta’ee duwwa dha waan faala akkasii kan hojjattan, waan jedhan kan irra dedebi’aan! Amma rabbi isintii ha’agarsiisu,   Obboo Masarat kan bulchuu, Gudarii – lafaa waaqni eebisee huumee.  Carran saabni ittiin jireenya isa yeroo gabaabaa keesati geedaruu danda’uu laka’aame hin dhumu: Inqaaqoo, hanani, damma, mukka dhabuu, fi kkf.  Warri ODP garu akkuma  awudio dur waraabamee holka’aamee, ammaas irra dedebi’anii “dhakaa, cirrachaa….” Jedhuu. 

Iyyuumi dinagdee mala qaba.  Iyyumni yaadaa garuu fala hin qabuu.  Dhibeen ODP iyyuma yaadaatii.  Dur jedhee fixee, weellissaan Oromo inni akkas jedhee sirbee: 

Yaa baalee sarariitii,

Maal yaada bulaniitii,

Namni yartuun nama miittii?

ODP ni waan yaadaa bulaan hin beeknuu, kanafii hormi qe’ee dhufee kan roorisuuf (kuni illee yaadan asitii kaaseen hala hwaatawu malee!)

Warri waanan katabu dubbiftaan, jecha weelisa dur kana akkan irra deeddee’uu akeekkattan ta’aa.  Weelisaan sunni waan enna sana ta’aa turee duwwa otto hin taanee, sana boodas gar fuulduraatii waan dhufuu, akka ayyaantuu ti itti mu’aateeyyuu jechaadha!


Leave a comment:

Your email address will not be published. Required fields are marked *


CAPTCHA Image