Maaliif Du’u?

Published by Ayele Gelan on

By Eebbisaa Baayisaa (article posted on his facebook page)
Hospitaala beekamaa tokko keessatti ture. Kutaa waldhaanamtoota dhibee tasaati. Dhukkubsatoonni kutaa kana keessatti du’uun amaleeffatamaadha. Maaliif? Namoota balaa tasaa adda addaan miidhamantu dhufu. Balaa konkolaataa, balaa ibiddaa, namaan wal lolanii…baay’eetu dhufu.
Hojjetoota hospitaalichaa hundatti gaaffii kan ta’e garuu dhimma tokkotu jira. Sireewwan dhukkubsataa baatan keessaa siree sodaachistuu tokkotu turte. Dhukkubsataan siree sodaachistuu kana irra ciisu yeroo hundaa Jimaata sa’atii sagalitti du’a. Torban sadiif walitti aansanii dhukkubsatoonni sirettii irra ciisan sadii Jimaata sa’atii sagalitti du’an.
Maaliif du’u? Hawaasa hospitaalichaas kan dhiphise kanadha. Kutaa kanatti du’uun namootaa beekamaa ta’us, duuti akkanatti siree filatee sa’atii beellamee dhufu garuu waan haaraadha.
Hawaasa hospitaalichaa keessaa warri amantaa dhaadhessan, “Kun hafuura hamaadha. Siree kana seexanatu qabate. Kanaafuu, falli jiru sirettii achii kaasuu fi dhukkubsataan akka bakka sana hin ciisne taasisuudha” jedhan. Yaada isaaniis hoogganaa hospitaalichaaf dhi’eessan. Inni garuu isaan hin dhageenye. “Hospitaala ani hoogganu keessatti waaqeffannaa boodatti hafaan akkanaa hin hojjetu. Seexanni saayinsii fayyaa keessatti beekamtii hin qabu!” jedhee dide.
Ammas kunoo Jimaanni haaraan dhufaa jira. As dhi’aateera. Hammuma Jimaanni as dhi’aataa deemu immoo sodaan hawaasa hospitaalichaa dabalaa jira. “Waan dhufe haa dhufu!” jedhanii dhukkubsataa sirettii irra ciibsanii eeguu jalqaban. Du’a sa’atii beellamee dhufu.
Jimaatni ni dhufe. Hawaasni hospitaalaa ni dhiphate. Sa’atii 7:00 gaafa ta’u namoonni hedduun hojii idilee isaanii dhiisanii waan ta’u ilaaluuf walitti qabaman. Duuti dhufuus sa’atii lama qofatu hafa. Dhukkubsataan sirettii irra ciisee jiru garuu maaltu akka ta’uuf jiru hin beeku. Dhukkubsatoonni isa dura turan sadii Jimaata sa’atii sagal sagalitti akka du’an eenyutu itti hima? Inni quba hin qabu. Fayyina abdii godhatee ciisa. Maal godharee? Beellamni du’aahoo ga’aa jiraa! Sa’atiinhoo sagal ta’uufii!
Sa’atiin sagal ta’uuf daqiiqaa muraasatu hafa. Narsoota hospitaalichaa keessaa hammi ta’an Kitaaba Qulqulluu isaanii qomatti qabatanii kadhachaa jiru. Obboloonni Musliimaas maqaa Allah waamanii duwaayii gochaa jiru. Gaaddidduun du’aa kutaa sana marsee jira. Sodaa guddaa.
Sa’atii 8:55 ta’e. Beellamni du’aa ga’uuf daqiiqaa 5 qofatu hafa. Namuu sodaadhaan calliseera. Calleensa guddaatu ta’e. Sagalee maashinoota yaala fayyaa qofatu dhaga’ama.
Amma Jimaata sa’atii 9 ta’e egaa! Duuti dhufe jechuudha. Namni icciitii sana beeku hunduu ija isaa sirettii irratti irraanfateera. Akkuma sa’atii sagal ta’een ququlleessituun haaraan, yeroo hafaa isheetti hospitaalicha keessaa hojjechuuf kan qacaramte sun, meeshaa ittiin qulqulleessitu (vacuum cleaner) ishee oofaa dhufte. Ariitiidhaan deemti. Daftee qulqulleessitee gara hojii idilee ishee deemuuf. Asii yeroo hafaa ishee hojjetti mitiiree? Akkuma ol seenteen gara siree sodaachistuu sanaa deemte. Sirettiin jalqaba irra jirti waan ta’eef. Akkuma sirettii bira geesseen maashinnii hargansuu dhukkubsatichaa gargaaru (life support system) bira dhaabbatte—meeshaa ishee. Achumaan sookkettii ibsaa maashinii hargansuu sana irraa buqqistee kan meeshaa qulqullina ishee itti kaa’atte. Sana booda hojii ishee itti fufte. Dhukkubsataan of danda’ee harganuu hin dandeenye hafuuraa cite. Isaa du’uuf jedhu ogeessonni fayyaa haalicha ilaalaa turan fiiganii dhufanii maashinicha bakkatti deebisan.
Edaa torban sadan darban qulqulleessituutu jara ajjeesaa ture. Ajjeesuuf jettee otoo hin taane, wallaalummaa irraa kan ka’e! “Maaliif du’an?” isa jedhuuf amma deebiin argameera. 

Leave a comment:

Your email address will not be published. Required fields are marked *


CAPTCHA Image