Natti Dhaga’ama, Natti Dhaga’ama!

Published by Ayele Gelan on

(Yaadannoo Sabboontota Qabsoo Bilisumaa Oromo tiif wareegaman, This poem is adapted from Martyred Poems: I Feel, I Feel – Martyred Soldiers Pain – Poem by Seema Jayaraman)

Hirribni dur du’ee
Imimaan ni gu’ee
Yeroo giittii sana,
            Tasa yoon gadooduu,
          Kufee gangaladhu!

Caala natti ulfaatee,
            Waarroon gabruma,
            Tokkumaan sobbaa,
            Gaaga’amani eenyummaa!
Diinnii ripheera,
            Meeshaa qe’ee keenya tuuleera,
Bokka du’a nuti roobsuuf eegaleera!

Kunoo asin jira ya’anna,
Biyoof cabbii faana.
Sabni kollee milliyoona,
Kan gurree hin turee amma yoona!
Foon koo isa cicitee,
Faca’ee goodaa guutee!

Immimaan namuuddee – amma kunoo aaree,
Dhokseen bo’a – alkan guutuu mankaraaree!
Nan geerara – sagaleen ol kaasa,
Obbola koo wara muganin – irribaa dammaqsa!

Of hin sobiin, nagaan qaba jettee,
Kutii achi ha’ii wadaroo gabrumma – isa ittin hidhamtee!
Irra aanii, to’adhu – dhabooruma isa si keesaa,
Isatuu si seesisa – isatu si laamshessaa, 
Silas duuttii hin ooltuu – maal abbasaa!


Diinnii kee dur achii hiqxee – alaala si dorsiftii,
Amma mee bar as hiixatii – kokeekeetii!


Mannii kee gubachaa jira,
Kunoo ni haara!
Maatii kee lagatti harkisu,
Kaan ajeesani, kan isin qalla jedhani dorsisu!


Maali egaa – garaan si hin ammatuu?
Sitti hin dhaga’amuu?


Ani garu, natti dhaga’ama,
Ammumalee du’ee ciisee!

Waamicha Oromiya:
    Waan jallatee kana soroorsii,
    Diina nu keesa mancaasii,
    Naqarsa sabboonumma kana fayyisii!


Iddan du’ee – qooreera ijji koo,
Itti darba qabso gaggeesaa – obbolaa koo!


Maaloo ark naqabaa – ol nakaasa,
Sanduuqa awaala duwa geesaa,
Oromiya qe’ee kooti– naa deebisa!


Akkas jedhaatii – saba kootti naa hima:
     Hin hafnee homtuu isa,
     Diinna akka bineensa,
     Waadeetu facaasee reenfa isa!


Natti dhaga’ama, nattii dhaga’ama – deebi’ee dhufuun yaada,
Ittiin boonaa uffadhee – alaabaa Abbaa Gadaa,
Diina koo bineensota sana – aaloon ba’a – nan godha daara barbada!


Leave a comment:

Your email address will not be published. Required fields are marked *


CAPTCHA Image