Saba Oromo Attamiti Magaleesina?

Published by Ayele Gelan on

Magaaloota gugurdoon Ethiopia keesa jiran harkii caaluu Oromia keesa jiru, Finfinee dabalatee.  Garuu Oromian haa magaaloftu malee, sabni Oromo amma eegamu magaaloota Oromia keesa qubatee hin jiru.  Kuni maaliif akka ta’ee beekamadha, seena Oromo wagga 150n darbaan yoo xinxalee deebii argganna.  Kan tau’uu ta’ee amma bakka jiru jira. 

Maal yoo goonee saba Oromo magaalota Oromia keessattii akka bay’aatuu taasifna?  Gaafiin kunii yeroo dhiyoo keessa irra deddeeb’aamee ka’aa jira. Keesaayyuu hoggantooni ODP waan kana irra deddebi’aanii yoo kaasaan nan dhaga’aa. 

Gaafii kanaaf deebii yoo kennan, waan akkas fakkaatu jedhu: dargaggoon Oromo hojjaa ottoo hin filiin ykn hin tuuffatiin, akkuma saba kaanii itti nam’ee magala keesa kuphatee, hojjatee jiraachuu calqabuutuu irra eegama!

Waan kana irratii yoo dubbatan yeroo hundaa, “kophee haxaawuulee yoo ta’ee” jechii jedhamuu itti makama.  Akka nattii mul’aatutii, ODPn gaafii kanaaf ammam kuttanoo fi fedhii akka qaban jela muranii dubbachuun barbaadannii akka ta’ee naaf gala.  

Waantii kuni akkanattii muddamani ariitiin taasisuu waan danda’aamuu mitii.  Yoon hasaa hooggantoota ODP dhageefadhuu, makmaaksa warri English jedhan tokkon yaadadha: One cannot begin to milk a dry cow simply because one is desperate for some milk. Hikni saas:  ammamu hannan dhabanii yoo muddaman, sa’aa gu’aa elmuu hin calqabaan.  Ittan dabala, namni bishaan daakuu baruu, kara bishaan gaddi fagootiin ottoo hin taanee, kara bishan hol dhiyaatee jiruun, itti seenee, xuxuqaa, kufee ka’aa barata.

Walittii dhiyeenyii dinagdee baadiyaafi magaala, xaxama wayii ijaa ta’ee asittii siirriittii hibsuu waanan danda’uu natii hin fakkatuu.  Waantii jela muramee beekkamu qabuu tokko, ottoo rakkina hoomisha baadiyaa hin hiikiin, namni baadiyaa akka magaalatii dhufuu kakaasuun ibbiddaan xabachuudha.  Kan ta’uu qabuu akkassi:

Sadrka 1.  Dargaaggoon baadiyaa bakkuma jiruutii yeroo gabaaba keessatii jireenya isa akka geedaruu gargaaruu.  Investment baadiyaa keesaatii babali’ssuu.  Hoomisha baadiyaa dabaluu.  Qotee bulaan tokko kan isa fi maatii saatii barbaachiisuu caala hoomishuu dandaa’uu isa mikaneefachuu.  Kana yoo ta’ee hoomishtii waarii baadiyaa kan nyaatuu bira darbee magaala dhiyaataa, walitii fufiinsaan.  Yoo baadiyaadha dargaggoon qotiisa dhiisee magala dhufee inni achiitii hafee waantii hoomishuu offi saatii fii wara magaalaa deemee gawuu danda’uu qabaa.

Sadarka 2.  Kan kana oli yoo mirkanayee, ottodhuma baadiya jiruu horii magaala dhaqee ittiin hojjatuu qusata, holkaawataa.  Ottoodhuma mootumaan kootuu hin jedhii, gargaarsa xiqaadhaan magaala keesa dhufee qubata.  Kophee haxaawuu ottoo hin barbaachiifnee hojja qajis qabeesa uummaataa.  Maal hojjatee buluu akka barbaaduu abbaatuu beeka.  Kana hojjattuu malee jedhanii, waan dargaggoo hin feenee maqaa gorsaatiin itti kaasuun barbaachisa mitii.  Yoo rakkatee abbaatuu filatee, ottodhuma itti hin imamiin hojjata.  Gorsii afchaalumaa akkasii sun ottoo hafee waayaa.  Waaggootii kurnan darbee nan yaadadha, University eebiisuu deeman hundaatii waayee koble stone turee. 

Sadarka 1 fi sadarka 2, wal duraa duubaa dhufuu, yeroo eeggattanii.  ODP ta’ee motummaan bira kan gochuu qabuu, sadarka 1 hattattaman xumuramee, sadarkaa 2 akka qaqabamuu deegarsa barbaachissan hunda taasisuudha.  Kuni kan ta’uu qabuu, jiruu kootii jedhamee, karoora keesa galameetii malee, suuta jecha, qaxxisaa; mamaafii maggalaa mitii. 

“Ottoo suuta jedhamuu, magaalooni Oromia namoota naanoo biraatii dhufaaniin guutamtii” yaadni jedhu ka’uun hin ooluu.  Kuni rakkoodha jedhee hin yaaduu.  Sodaan akkasii kan ka’uu polotika jalaatee jiruu irraattii hunda’ee, soda jiruu irrayii.  Kamiis ta’uu kamiis magaalii Oromia kanuma Oromotii, yoomiyyuu.  Kunii akka ta’uu kan seeraa fi umnaan eeguu danda’uu, dargagoo Oromo hojjaa yaraa hojjata, yookin kashlabbee ta’ee magaala keesa nana’uu otto hin taanee, tasgaba’ee sooroomee, jiruu gaarii qabaatee, boruu magaalattan gala jedhee waara baadiyaa jiraatuu. Abdiin cimaan achii burqa.

“Maalii atimoo hojjaa yaraa maaliif jetta” jedhee kan nattii mufatuu ni jiraata ta’aa.  Biyyaa lafaarraatii waayee hojjafii mindaa irraatii kan qoratuu fi beekuu, ILO dha (International Labor Organization). Bakka deemanitii “hojja gaarii, minda gaarii” jedhuu (decent wage, decent work). Kun dhadannooo ILO ti.  Kuni kaayyoo ilma namatis.  Hojja yaraan hojjadhaa, yookin hojjata jedhanii hin saganteessan. Tasuma kuni hin barbaachisuu.  

Akkan dura jedhee, magaalii Oromia kanuma Oromotii, mottumaadhuma Oromotuu bulcha, bulchuus qaba.  Hiriguu nu jellaa hin dhaquu. Magaalooni Oromo, Oromo Oromo akka urgaa’aan akki itti taasisan bay’eedha, nama Oromo bay’inaan keesa qubachiisuu duwwaanii mitii. Magaala Oromia keessatii, Afaan Oromo akka dagaaguu taasiisuudhaanis tawu danda’aa. Amma Afaan Oromo fi aadaan Oromo keessatii akka calaqiisuu taasifameetii, rakkoon hin jiruu.  

Waantii beekamee, jela muramuu qabu tokko, ottoo hoomishtii baadiyaa Oromia hin dabaliin, dargaagoon gara magaalaatii akka galuu kakasuun bala guddaa qabaa.  Lakkoofsaafi ni mijata ta’aa. Dinagdee Oromia garuu ni huba.  Dargaggeesii magaalaatii galee kuni hojjaa xixiqqaa hojjatee jiraachuu yoo calqabuu itti hin gammadu ta’aa.  “Maal warri kan inuma hojjatuu mittiyyii!!!” jechuun mala.  Garuu kan beekamu qabuu, Oromian jiituudha.  Warri kaan filanoo hin qabaan.  

Dargaggeessi Oromo garuu, ammas dhiphatee hin guddanee.  Dhiphachuu issa gad bu’uu kana dafee itti hin baruu.  Hojaa itti hin gammanee hojjachaa, hoomisha dabaluun hin danda’aamuu.  Gabaabaatii, dinagdee magaala huba. 

Lammata, ottoo hoomishtuumaan hin dabaliin, namni tokko badiyaadha magaalatii galee jechuun, hoomishtii badiyaa ammasuma hir’aata jechaadha.  Kuni beela fida.  Magaala fi baadiyaatis qalayiinsa hammeesa.

Akkan duraanuu jedhee, yoo hannan barbaadhan, sa’aa gu’aa elmuu yaaluu nama hin baasuu. Sa’aa hariisisuutuu dursaa. Saani ni dorooba. Ji’aa sagal booda ni dhala.  Enna sana “maaliif sa’a kana elmita” jedhee kan gaafatuu hin jiruu.  Itti yaadamee, karoorfamee irratii hojjatamee, yeeroo isa eegaatee waan dhufee ijaa ta’eefuu!


Leave a comment:

Your email address will not be published. Required fields are marked *


CAPTCHA Image