Liqaan Itoophiyaa Saffisaan Tullamee Gaara Guddaa Ta’aa Jira

Published by Ayele Gelan on

(First published in English on Dinagddee.com blog as Ethiopia’s Rapidly Inflating Debt Mountain, January 3, 2020)

Qaasim Amaanoo (Gullallee Postiif Afaan Oromootii akka hiikeetti)

***

Mudde 2019 ALA qofa keessa liqiin Itoophiyaa hanga doolara Ameerikaa Biliyoona 9 tiin dabalee jira. Dhaabbileen liqii garagaraa, dhaabbanii maallaqa Addunyaa (International Monetary Fund, IMF) fi Baankiin Addunyaa (World Bank) tokkoon tokkoon isaanii hanga doolaara biliyoona sadii akka liqeessan mirkaneessanii jiru. Abba liqaasuuf waada galee maqaa otto hin dhayiin MM Abiyyi Ahmad tiwitariin kan hibssaan wabeefachuun, VOAn liqiin biroo kan doolaara biliyoona sadii ta`u biraa jiraachuu ibseera. Keesuma liqiin karaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaatiin kuni, nama bay’ee rifachiiseera; waan aja’ibaa tawu isatuu dubbatama,  kara kamiinuu yoo ilaalamee kun tasuma tawu waan danda’uu hin turee jedhama jira.

Tokkoffa, Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa mataan isaa, Itoophiyaan biyya liqiidhaan rakkoo olaanaa keessatti argamtuu fi yaaddoo guddaa qabdu keessatti ramadamtee akka jirtu, gabaasa IMF lakk. 18/354 dhiyeesseen mirkaneessee jira. Of eeggannoon kun kan kenname waggaa tokkoon dura, yeroon liqiin alaa biyyattii doolara biliyoona lama sadarkaa amma irra gahe kanaa gadi tureedha. San booda garuu rakkichi caala yaaddessaa ta`aa dhufee jira.

Lammaffa, Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa hanga liqii biyyoota miseensa ta`aniif kennamu kan ittiin murteessuu seera beekama qaba. Kuni Kootaa Sistam (Qota System) jedhamee bekkama.  Akkaataa kootaa kanaan yoo ilaallamu, liqaan doolara biliyoona sadii Itoophiyaaf keenamee kuni, kootaa isiif haayyamame arka torba caala (700%).

Dhaabbileen liqii adda addaa Itoophiyaa hiyyeettii idaa alaatiin rakkoo keessa jirtu tanaaf akka liqii kennaniif maaltu kakaase? Hundaa olitti, mootummaan Itoophiyaa onnee guutuudhaan liqii biyya alaa fudhachuu maaliif itti cichee?

Barreefama koo kana keessatti gaaffileewwan yaadeesoota kanaaf deebii kennuun yaala.  Bareeffama kana bakka lamattan hira.  Kutaa tokkofaa keessati, ragaalee adda addaa  qindeesseen dhiyeesa.  Kan gochuudhaan dugaa jiruu hibseen achumaan kuta itti haanuuf ammo kara mijeesa.  Kuta lammataa keesatii xiyeeffanna kan ta’uu, ilaalcha mootummaan Itoophiyaa idaa alaatiif qabuu fi maaliif rakkoo liqiin fidu osoo gadi fageenyaan otto hin xinxaliin liqitti akka galu hibsuun yaala. 

Liqeessitoonni eenyuun fa`a?

Akka ragaan Baankii Addunyaa irraa argame ibsutti, Itoophiyaan dhuma bara 2018 ALA liqaa biyyoota garagaraa walumaagalatti doolara biiliyoona 28 ofirraa qabdi. Liqii kana keessaa 97% kan waggaa dheeraa turuu fi Mootummaan Wabiin Qabeegnya Sabaattiin (MWQS) kan liqenfatedha.

Keessuma kan nama yaachisuu, liqiin Itoophiyaadhaaf alarraa kennamu kunniin kan yeroo dheeraatti kanfalamuu fi qabeenyi ummataa wabummaadhaan itti galmeeffameedha. Liqii yeroo dheeraa jechuun kan waggaa 30 hanga 50 jiddutti kanfalamu yommuu ta`u, mootummaan liqii kana fudhate kanfalamuu fi kanfalamuu dhabuu isaatiif dhimma hin qabaatu. Wabummaa ummataatiin kan liqeeffatame yommuu jedhamu, ummanni Itoophiyaa dhaloota amma jiru kana ta`us (ta`uus dhiisuu danda`a) yeroo turtiin liqiin itti kenname dhumate dirqamatti ni kaffala jechuudha. Kana ta`uu baannaan liqeessitoonni qabeenya akka wabiitti qabatamee liqeeffame ni fudhatu jechuudha. Aanga`oonni Itoophiyaa qabeenya akkamii fa`a qabsiisanii akka liqeefata jiran wanti beekkamu hin jiru.

Qaamolee liqii kennan karaa baankii addunyaatiin qabeenya isaanii kan galmeessisan yommuu ta`u, biyyoota galii olaanaa fi giddu-galeessa qabaniif karaa Baankii Ijaarsaa fi Misooma Addunyaa (International Bank for Reconstruction and Development, IBRD); biyyoota galii gadi aanaa qabaniif immoo karaa Waldaa Misooma Addunyaa (International Development Association (IDA) Liqiin 40% wabummaa qabeenya ummataatiin Itoophiyaadhaaf kennamu karaa Waldaa Misooma Addunyaa (IDA) kanaan ta`uu isaati.

Akka Baankiin Addunyaa jedhutti biyyoota hiyyeeyyii ta`aniif liqii karaa Waldaa Misooma Addunyaa (IDA) kanaan kennuun faaydaalee akka dhala gadi aanaan kennuu; kafaltii irratti haala yeroo mijeessuu fi turtii liqiin itti dhumatu dheeraa ta`uu fa`a ni kaa`a. Haalli kun qaamolee imaammata bocanii fi aanga`oota biyyoota guddataa jiranii dogongorsuudhaan, Waldaan Misooma Addunyaa kun akka waan biyyoota hiyyeeyyii deeggaruudhaaf dhaabbatetti yommuu amanamu ni mul`ata.

Haasaa Ministeerri Muummeen Abiyyi dhiyeenya kana taasisan irratti “Dhaabbata Maallaqa Addunyaa irraa liqeeffachuu jechuun, akka waan haadha ofii irrraa liqeeffachuuti” jedhanii dubbatan yoon dhagahu baayyee gaddee. Liqiin karaa lallaafaa ykn karaa salphaa “soft loans” ta`een biyyoota adda addaa iraa kennamu kun dhugumatti liqii salphaa osoo hin taane, hoogantoota siyaasaa kanneen biyyoota hiyyeeyyii akka deeggarsaatti ilaalan kan dogongorseedha.

Liqiin akkanaa kun maqaa deeggarsaatiin kan kennamuudha. Kanaafuu qaamni imaammata baasuu fi hawaasni bal`aanis deeggarsa tolaan kennamee fi liqii qaama adda addaa irraa liqeeffatamu adda baasanii beekuu hin dandeenye. Yommuu liqii doolaara biiliyoonotaan laakka`amu Dhaabbata Maallaqa Addunyaa fi Baankii Addunyaatiin kennamu, ummatni deeggarsa see`ee ergaa baga gammaddanii fi miira addaatiin simatee gammadu dhagayu baayyeen rifadha.

 Waan lama hubachuun barbaachisaadha.  Tokkoffaa, irratti kaayyoon guddaan dhaabbilee liqii kanniinii akkuma Baankiiwwan kanneen biroo bu`aa abbootii Aksiyoonaa isaaniitiif kan hojjetu ta`uu isaa beekkamuu qaba. Namoonni baayyeen dhaabbileen liqii kunniin dureeyyota biyyoota guddataniitiin hundeeffamanii karaa Baankii Addunyaa fi kanneen biroo waliin Aksiyoona bitachuun liqii kennaa akka jiran amanuu hin dandeenye. Liqiin haala kanaan kennamu mijataa fi bu`a-qabeessa yommuu ta`u, liqiin biyyoota lama giddutti gaggeeffamu immoo bulchuuf baayyee rakkisaadha, baasii saatuu guddata!

Lammaffaa, liqiin bifa salphaa ta`een kennamuun kun akka liqeeffattoonni idaa liqaaf fi dhalasaa waliin kafalamu ta`uun isaa dagatanii haala mijataa, turtii yeroo liqii fi kanneen biroo qofa ilaalanii baayyinnaan liqeeffatan kan hawwate ta`uu isaa hubatamuu qaba. Fakeenyaaf, liqiin doolara biiliyoona tokko dhala 4% waggaa 30’maaf kenname, hamma maallaqaa wal-fakkaataa dhala 6% waggaa 15`niin kennamee caalaa olka`aadha.

Liqiin turtii waggaa dheeraa kun liqeeffattoota caalaa liqeessitoota kan fayyaduudha. Sababni isaatis liqeessitootni dhalaa fi haadhoos argachuuf wabii qabu.   Maallaqni bu`aa malee tuulamee akka baankii hin teenne; haammi bittaa maallaqaa jijjiiramee rakkoof akka isaan hin saaxillee fi bu`aa caalu argachuudhaaf qaamoleen liqeessan kunniin tooftaa liqii kanatti fayyadamu.

Liqiin wabummaa qabeenya ummataatiin biyyootaa fi dhaabbilee liqii dhuunfaa irraa liqeeffataman doolara biiliyoona 16 ta`u Chaaynaa irraa akka ta`e ni himama. Akka dhaabbanni China Africa Research Initiative kan Yuunivarsiitii Ameerikaa Joohns Hopkins jedhamu keessatti argamu gabaasetti, Itoophiyaan Chaaynaa irraa bara 2000 hanga Bitoteessa 2019 ALA  giddutti liqii doolaara biliyoona 12.1 liqeenfatee.

Rakkoon liqaa kunii, yero yeroon ammam badaa jira?

Liqiin Itoophiyaa kan bara 2018 maal akka fakkaatu gabatee armaan olii irratti ilaallee jirra. Amma immoo haala jijjiirama liqii biyyattii kana bara 2010 hanga 2018 irratti xiyyeeffannee ilaalla. Bara 2010 ttii idaan Itoophiyaa irra jiru doolaara biiliyoona sadii ture. Bara 2018 tti doolaara biiliyoona 28 irra gahe. Waggaa saddeet keessatti dacha afuriin dabale jechuudha.

Kun immoo idaan biyyattii bara 2010 hanga 2018 giddutti waggaatti 20% dabalaa jiraachuu isaa argisiisa. Liqiin Itoophiyaan bara 2018 fi 2019 giddutti maddeen garagaraa irraa biiliyoonotaan guuraa turte yommuu timaamamu, idaan biyyattii gara doolaara biiliyoona 37 tti akka olka`u gochuun waggaatti 32% dabalaa kan deemuudha.

Liqii dhiyeenya kana itti dabalaa dhufeen durattiyyuu Itoophiyaan idaa guddaa waliin rakkataa turtee jirti. Bara 2010 fi 2018 gidduutti idaan dhalarraa kanfalamu qofti harka sagal, kan haadhoo irraa kanfalamu immoo harka kudha lama yommuu ta`u, idaan waliigala haadhoo fi dhalarraa kanfalamu harka 11 oliin dabalee jira.

Liqiin alaa kan ittiin sirraa`uu danda`u hamma liqeeffatamuu fi dandeettii al-ergii biyyattiin qabdurratti hundaa`uudhaan. Haalli liqii fi al-ergii Itoophiyaa wal-simuu hin dandeenye. Liqiin alarraa argamu Investmentiiwwan baasii malee bu`aa hin qabne; pirojektiiwwan gurguddoo maallaqni guddaan itti bahuudhaan faaydaa malee qisaasa`u kanneen akka Paarkiiwwan Induustirii fi kan biroo irratti kan dhumataniidha. Walumaa galatti bara 2010 fi 2018 giddutti al-ergii fi alaa-galchiin Itoophiyaa walsimuu dhabuudhaan kufaatiin daldalaa harka lamaa fi walakkaadhaan muudatee.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa biroo waliin yoo madaalamtu

Yeroo baayyee rakkoo Itoophiyaan liqaa alaatiin qabdu irratii yoon namoota faana hasa’u, deebiin ani argachaa ture “rakkoon Itoophiyaa kan biyyoota Afrikaa biroo iraa hagas mara addaa miti” kan jedhuudha. Nama akkanatti rakkoo guddaa isa muudataa jiru osoo arguu onneedhaan falmu yoon argu nan hinaafa. Dhugaa jiru yommuu ilaallu garuu Itoophiyaan biyyoota Afrikaa kanneen biroo caalaa miidhaa keessa kan jirtu ta`uudha.

Giraafii kuni, al-argii wagga meeqaatiin idaa biyaa alaa of iraa baassuun danda’aamuu akka dandaaniin Itoophiyaan fi biyoota Afriika isaa kaan wal bukee keenyee ilala.  Bara 2010 irratii xiyeeffachuun yoo calqabnee, bara sana Sahaaraan gadii, al-ergii waggaa tokko gadiitiin (75% ykn ji’a sagal) idaa of irra baasuu danda’uu turee.  Itoophiyaan ammoo al-ergii wagga tokkof walaka (ji’a kudha sadeet) ol itti fudhata turee.  Wagga torba booda, bara 2017 ALA, kan biyoota Afiriika madee dabalee, al-ergii wagga tokkoof walakatti (144%) ol siqee (bakka Itoophiyaan turtetii).  Kan Itoopphiya ni manca’ee, al-ergii wagga afurii tii guddatee (399%).

al-ergii irraa bara 2010tti galii 75% kan argatan yommuu ta`u, turtii waggaa tokkoo fi walakkaa irratti immoo 144% argachuu danda`anii jiru. Kan Itoophiyaa yommuu ilaallu kanaan addaadha. Bara 2010 tti Itoophiyaan galii Al-ergii irraa argattu guutumatti liqii alaa kafaluuf kan oolchiteedha. Liqii ofirraa fixuudhaaf Al-ergii waggaa tokkoo fi walakkaa itti fudhata. Galiin Itoophiyaan al-ergii irraa argattu, liqii biroo kanfaluun hafee, baasii meeshaalee alaa galchuuf bahan kafaluu hin dandeenye (gabatee 2).

Kunis liqiin deddeebi`ee fudhatamaa jiru garaagarummaa galii al-ergii irraa argamuu fi baasii alaa-gachiif bahu hir`isuu qofaaf kan oolaa jiru ta`uu isaati. Kana jechuun Itoophiyaan liqii waggoota hedduuf fudhataa kan jirtu yommuu ta`u, yoo tarkaanfiin addaa taasifameen alatti biyyattiin idaa hamaa keessa kan galtu ta`uu isaa argisiisa.

Akkuma giraafii kanarraa ilaaluun danda`amu reeshoo baasii liqiif ooluu fi hamma al-ergii kan Itoophiyaa fi Sahaaraa gara gadii yoo wal-madaalchifnu, bara 2010tti reeshoon kafaltii liqii fi hammi al-ergii kan Itoophiyaa 4% ta`uun fooyyee kan argisiise yommuu ta`u, kan Sahaaraa gadii immoo 5% ture. Sanaan booda garuu kan Itoophiyaa gara 6% tii yoodabaluu, kan Sahaaraa gadii immoo gara 4% tti hir`ate.

Waggoota muraasa gidduutti garaagarummaan biyyoota kanneenii bal`achuun bara 2017tti reeshoon tajaajila liqii fi galii al-ergii Itoophiyaa 21% tti guddatee , kan Sahaaraa gadii immoo 12% qofarra gahee.

Liqii biyya keessaa

Barreeffamni koo liqii alaa irratti fuulleffate. Kuni ammo rakkina liqii harka walakkaa dhuwwa hibsa; mootummaan Itoophiyaa Baankii biyya keessaa irraayis baayyinaan liqeeffataa jira waan ta’eef!  Akka Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa gabaasetti, liqaan, kan biyyaa fi kan alaa yoo walitii ida’aamee, gallii diinagdee Itoophiyaa (GDP)  bara 2018 keessaa 61% ta’aa. Kana keessa liqiin biyya alaa 54%, kan hafe immoo baankiiwwan biyya keessaa irraa kan liqeeffatameedha. Balaa liqiin alaa qabu ibsinee turre. Liqiin biyya keessaas rakkoma wal-fakkaatuu qaba.

Dhimma Investimentii irraa yommuu kaanu, Investimentiin qabeenya muraasa qabnu irratti kan gaggeeffamuu fi carraa baasii dabaluus ta`ee bu`aa buusuu kan qabuudha. Mootummaan Itoophiyaa yommu bay’inaan baankota jiran irra liqeenfatuu, dhaabbilee dhuunfaa achii dhidhiibee ykn cara dhorkee saama akka jiruu beekamuu qabaa. Dhaabbileen dhuunfaa Itoophiyaa waggoota keessatti miidhamaa deemuudhaan humnaa dhabaa kan dhufan sababa malee miti.

Dhaabbilee dhuunfaa hoja alaa taasifamuun isaanii kunii, dinagdee biyyaa irratti dhiibbaa mataa isaa qaba. Rakkinii isa tasumayuu kan manca’ee ammoo, mootuumaan waara dhaabilee dhuunfa qoqobuu isa duwa otto hin taanee, isa ofii liqeenfatee sana amoo hoja irra oolchee, homisha gabaatii dhiyeesuu dadhabuu saatii. Kanaafuu, investimentiin biyyattii bu`aa kan hin buufne ta`uu isaatiin gumaachi inni oomisha al-ergiifis ta`ee faaydaa biyya keessaatiif taasise hin dandeenyee.

 Osoo liqiin kun  dhaabbilee dhuunfaatiif kennama ta`ee, dhumarratti baankiif deebi`ee abbootiin qabeenyaa biroo liqeeffachuun akka itti fayyadaman ta`a tureeyyu. Dhaabbileen dhuunfaa kunniin immoo pirojektoota baayyee barbaachisoo ta`an irratti xiyyeeffachuun hojidhabdoota miiliyoonotaan laakka`amniif carraa hojii ummuun akkasumas oomisha dabaluudhaan gabaaf oolchanii qaala`iinsa hir`isanii humna al-ergii dabaluu danda`u.

Baayyee kan nama sodaachisu

Liqiin Itoophiyaa irra jirtu akka gaara Volkaanoo dhooyuuf kan qophaa`eedha. Biyyoonni baayyeen kan reeshoon guddina diinagdee (GDP) isaanii fi liqiin qaban kan Itoophiyaatii ol ta`an ni jiru. Kan Itoophiyaa kan adda taasisu fi sodaachiisu garuu, ammuma liqaa biyaa alaa bara baraan dabalaa deemuu, humni hoomiishaa fi al-ergii sanan madaalee guudhachaa deemuun hafee, tasumayyuu xiqaachaa deemuu saatii.

*****

Barreefama kuni as gawutii (kuta tokkofaa), rakkina liqaa Itoophiya ammam akka gawuu gadi fageenyaan ilaaleera.  Kutaa itti aanuu (kuta lammafaa) keesaatii ammo kan irratti xiyeefannu, yaada hidhama fi xaxama, motumaan Itoophiya itti rakkatee, dirqamaan fi itti fufiinsaan liqeefata jiruu irraatii ta’aa.


Leave a comment:

Your email address will not be published. Required fields are marked *


CAPTCHA Image