Rakkoolee Wal-qaxxamuran: Waliingahiinsa Barnoota Olaanoo fi Ramaddii Barattootaa Itoophiyaa

Published by Ayele Gelan on

Barruuleen kunu dura bloog pejii kana irraatti Afaan Ingliffaatiin Mismatch Troubles: Access to Higher Education vs. Student Placements in Ethiopia jedhamee maxanfamee turee. Kuni akka Qaasim Amaanoo Afaan Oromooti hiikee “Gullallee Post” magaazina jedhuu irratii maxanseetii.

*****

Oduun gaddisiisaan Yuunivarsiitota adda addaa irraa dhagahaman baayyisee miira koo kan tuqeedha. Kunis ammoo haala turtii koo kan Yuunivarsiitii kanaan duraa na yaadachiise. Kan yaaddoo natti ta`e jireenya dhuunfaa koof osoo hin taane, miira harmeen koo gocha Yuunivarsiitii keessatti narratti raawwatuun weeraramtu yoon yaadu baayyee na dhiphisa.

Amma yeroo kanattis imimmaan harmee koo kan ji’a Fulbaanaa yommuu gara Yuunivarsiitiitti na gaggeessitu lola`utu ifatti natti mul`atee sammuu koo keessa na naanna`a. Miira addaa yeroo sana itti dhagahamu haala nama mararuun yommuu ibsattu: “Anaaf ganni ifaadha; birraan dukkana!”jetti. Miirrii  fi  haalli yeroo sanaa hanga lubbuun jirutti akka haaraatti sammuu koo keessa jira.

Haati hunduu ilmoo ishii yommuu gara Yuunivarsiitii fagootti ergitu miira wal-fakkaataa fi yaaddoodhaan guutameen akka ta`e tilmaamuun nama hin dhibu. Yoo ilmoo ishii irraa fagaachuun dararaa hanganaa kan irratti uumu ta`e, yommuu ilmoon ishiin jaalattu duutee reeffi manatti itti deebi`u miiraa fi gadda akkamii keessa akka galtu ibsuun baayyee na rakkisa. Taateen kun maatii dhabuu qofaan kan ibsamu osoo hin taane, gadda olaanaa laphee lammii hundaa cabsuudha. Gocha abdii namatti dukkaneessee hamilee nama laaffisuudhas.

Maaliif rakkoon kun deddeebi`ee ka`a gaaffii jedhu deebisuu irratti hin xiyyeeffadhu. Rakkoo kanatti hiikkaa kennuuf yaaluu jechuun, akka nama maalummaa Arbaa hiikuudhaan namatti himuuf yeroo gubuuti. Kana jechuun Arbi bineensa akkamii akka ta`e osoo beekanuu irra deddeebi`anii waa`ee isaa nama barsiisuuf yaaluudhaan wal-fakkaata. Marii taasisuun alatti, Rakkoo wal-xaxaa akkanaa kana hiikuuf jecha mormii keessa galuun inumaayyuu rakkoo hammeessa malee deebii hin argamsiisu. Rakkoon amma ka`u kun dirree siyaasaa kan birootiif karaa bana.

Tooftaa rakkichi ittiin fala argatu kaayuun barbaachisaadha. Akkamittiyyuu as haa geenyuu, ammatti as geenyee jirra. Wanti guddaan rakkoo kana caaluu danda`u bara itti aanutti akkamitti rakkoo kana hundeerraa furraadha? Dhimmicharratti akkan baayyee xiyyeeffadhu kan na taasise lubbuun qaaliin ilma namaa keessatti waan badaa jiruuf qofa osoo hin taane, rakkicha furuun ni danda`ama jedhee waan amanuufiidha. Barattoonni miidhaan ajjeechaa irra gahaa jiru harki caalaan kanneen gara birootii Yuunivarsiitii fagootti ramadamaniidha. As irratti furmaanni jiru haala ramaddii barattootaa sirreessuudha.

Bara dheeraa osoo rakkoon hin uumamin dura,  yeroo hunda haalli ramaddii Barattoota Barnoota olaanoo Itoophiyaa kun baayyee na dinqisiisa ture. Baasii ramaddii barattootaatiin wal-qabatee bahu yommuun tilmaamu, bu`aan qabatamaan akka hin jirre yaadaan ture. Haqummaa isaa yoo laalle haalli ramaddii barattoota Yuunivarsiitii Itoophiyaa kun lubbuu namaa irratti yaalii gaggeessuudhaan wal-fakkaata.

Karaa biraatiin yoo ilaalle caasaa sadaffaa sirna bulchiinsa Itoophiyaa kan ta`e godinaalee hundarratti Yuunivarsiitiiwwan ijaaramanii jiru. Kun waliin gahiinsa dhaabbilee barnootaa fooyyessuudhaan, manneen barnootaa gara hawaasaatti dhiyeessuuf hojiin hojjetame gaarii ta`uu isaa argisiisa. Yunivarsiitiin isaanitti dhiyoo osoo jiruu, barattootni Yuunivarsiitii isaanirraa fagoo ta`etti ramadamu. Waliin gahiinsi akka carraa gaaritti barattoota fayyaduuf ture, sababa ramaddii dogongoraa gaggeessuutiin faayidaan alaa akka ta’uuf haalli kun dirqisiisee jira.

Kaayyoon waliin gahiinsa barnootaa kun sababa aanga`oonni sirnaan hojirra oolchuu dadhabaniif hiikkaa dhabee jira. Qabeenya xiqqaa qabdu fayyadamuudhaan Yuunivarsiitiiwwan hedduun kutaa  biyyattii hunda keessatti akka ijaaramu sababni ta`eef, kaayyoonsaa inni guddaan uwwisa Yuunivarsiitotaa fooyyessuun human barate oomishuudha.

Haa ta’u malee, waliin gahiinsa Yuunivarsiitiiwwanii yommuu xiinxallu, yaada lama xiyyeeffannoo keessa galchuun ni danda`ama. 

  Tokkoffaan qaamni gahumsa qabu kamiiyyuu carraa Yuunivarsiitii seenuu akka argatuu fi baayyinna nama baratee dabaluudha. Inni lammaffaan immoo, barattoonni fagoo osoo hin deemin dhiyeenyatti carraa barnootaa akka argataniif kan fayyaduudha. Carraan lamaan kunniin wal-harkaa dhayee waan jiruuf, Aanga`onni carraa kanneen gargar baasanii yeroo adda addaatti itti fayyadamaa jiru. Haalli ramaddii barattootaa akka kanatti yoo itti fufe, Yuunivarsiitiiwwan godinoota hundatti ijaaruun hiikkaa tokko akka hin qabaannde godha.

Erga hawaasni barattoota isaa wal-jala kan jijjiiru ta`e, Dambi-Doolloo fi Jigjigatti Yuunivarsiitii ijaaruun maaliif barbaachise? Osoo ta`eeyyuu naannawa giddu-gala biyyattii, fakkeenyaaf Finfinnee fi naannawa isaatti Yuunivarsiitiiwwan   baayyisanii ijaaruudhaan barattoota hundaa achitti erguun ni danda`ama. Yoo xiqqaate barattoonni turtii waggaa afur yookaan shan Yuunivarsiitii keessatti dabarsaniin baasii geejjibaa irraa ni baraaramu.

Kaayyoon Yuunvarsiitiilee baayyisanii banuu barattootaa fi maatii barattootaa fayyaduuf yoo ta`e, ramaddiin barattootaa Yuunivarsiitii itti dhiyoo ta`etti kennamuufii qaba. Yoo kana ta`e dhaqqabamummaan dhaabbilee barnoota olaanoo yaadame bakka tokkotti milkaa`a jechuudha. Barattoota Yuunivarsiitii itti dhiyootti ramaduun faaydaa hedduu qaba. Barattoonni hedduun mana maatii isaanii jiraachaa barachuu danda`u. Kun immoo baasii mootummaan barattootaaf baasullee ni hir`isa.

Haaluma wal-fakkaatuun barattoonni idaa barnootaa (cost sharing)  ittiin baratan kan eebba booda kanfalamu irraa ni baraaramu. Gatiin geejjibaa fi baasiin barataan tajaajila birootiif maatii irraa barbaadu ni baraarama.

Sababa ramaddii barattootaatiin baasiin mootummaa fi dhuunfaa hangamii akka bahaa jiru herreguun nama hin rakkisu. Haalli baasii qabeenya xiqqaa biyyattiin qabduu qisaasa`aa kan jiru yommuu ta`u, barattootaa fi maatiin barattootaas taasgabbii argachaa hin jiran. As irratti ani rakkoolee nageenyaa fi diinagdee qabatamaan muudataa jiran qofa ibsuu kooti. Haata`uu malee rakkooleen maatii irraa adda bahuun wal-qabatanii jiranii fi yaaddoon as keessatti uumamus hedduudha. Bara kana keessa jeequmsi gama kanaan ka`e rakkoo siyaasaa hamaa qaqqabsiisaa kan jiruudha.

Haalli kun immoo saboota giddutti jeequmsa hamaa uumuudhaan rakkoo jiru hammeessaa kan jirudha. Kanaanis lubbuun qaaliin ilma namaa bakka bu`iinsa hin qabne, garaagarummaa yeroo muraasaa giduttu bahaa jirti. Imaammanni barnoota olaanoo Itoophiyaa rakkoo waliingahiinsaa fi ramaddii gidduu jiru kana furuutu irra jiraata. Barattoonni Yuunivarsiitii hawaasa isaaniitti dhiyoo jirutti ramadamuu danda’uu qabu. Kun immoo qaqqabamummaa fi faayidaa maatitti dhiyaachuun qabus kan guddisuudha.

Kaayyoon ramaddii barattootaa kun sirna impaayera mootummoota durii irraa kan dhaalamee fi sababa quubsaa kan hin qabne akka ta`e nan hubadha. Kun barnoota akka meeshaa gabrummaatti fayyadamuun kan ofii isaanii guddifachuuf tooftaa fayyadamaa as gahameedha.

Haalli kun barsiisota manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi  sadarkaa lammaffaa hawaasa isaanii irraa adda bahaniin kaayyeffamee gaggeeffamaa kan tureedha. Osoo ajjeechaan barattootaa Yuunivarsiitii keessatti hin eegalin akkasumas yeroo sirna impaayeraa fi Dargii keessas tarsimoon kun akka baacootti kan itti dhimma bahamaa tureedha. Kanneen keessaa kan baayyee beekkamu: “gud fella Gonder, ye-Amarigna astermari ke-Welega meta!” kan jedhufaa ture. Haa ta’u malee muuxannoo kanaan dura tureenis ta’e, yaada dhaloota ammaatiin tarsimoon barnoota akka meeshaatti fayyadamuun ummata walitti ukkamsanii bulchuuf yaalamu yoomiiyyuu ni milkaa`a jedhee hin yaadu.

Ramaddiin barattootaa amma gaggeeffamaa jiru kun kaayyoo duraanii san milkeeffachuuf kan yaadamee fi sababa amansiisaa hin taane irratti kan bu`uureffameedha. Kaayyoon hariiroo ummataa cimsuuf yaadame karaa birootiin galma geessuun ni danda`ama. Barattoonni sababa adda addaa irraa kan ka`e fedhii isaaniitiin Yuunivarsiitii isaanirraa fagoo ta`e filachuu ni danda`u. Fedhiin ilmi namaa waan addaa arguuf qabuu fi umriin dargaggummaa barattootaa bakka fagoo akka hawwaniif dirqisiisuu danda`a ta`a. Ministeerri barnootaas fedhii kana giddu galeeffachuudhaan ni ramada ta’a.

Haa ta’u malee, barattoonni akkaataa ulaagaa Biiroo Barnoota biyyoolessaatiin fedhii isaaniitiin ala Yuunivarsiitii filannoosaanii hin taanettiu kan ramadamaniidha. Addunyaa hammayyaa keessatti barattoota iddoo adda addaa erganii barnoota mijataa fi hawwataa kennuudhaaf yeroo muraasaaf maatii irraa fagaatanii barachuunis inuma jira. Haa ta’u malee, fedhii barataa giddu galeeffachuun akkuma jirutti ta’ee, Yuunvarsitii maatii barataatti dghihoo ta’etti barataa ramaduun nageenyaafis ta’e, sirna baruuf barsiisuu jalaa gufuu hirrisuuf hedduu mijataa ta’a.

Aanga`oonni, barataa naannoo garaagaraa wal keessa facaasuun tokkummaa biyyaa jabeessa jedhanii yoo kan yaadan ta’e, dhugumatti hariiroo hawaasaa cimsuun yoo barbaadanis fedhii fi haayyama barattootaa akkasumas kan maatii barattootaa irratti hundaa`uutu irra jiraata.

Kun immoo tooftaa addunyaa qaroomtee fi hammayyoofte keessatti raawwatamuudha. Haalli ramaddii barattootaa kan amma raawwataa jiru kun dirqamaan kan ta`aa jiruudha. Kunis akka waan nama dirqiidhaan yeroo gabaabaaf jecha nyaata nama waga`uuti/afaan kaa`uuti. Haalli kun dafee dhaabbatuu yoo danda’e, barnoota ammayyaatiin dhaloota barate uumuun ni danda’ama.


Leave a comment:

Your email address will not be published. Required fields are marked *


CAPTCHA Image