Sabni Ati Akkasii Jedhee Yoo Yaadee fi Amanee, Atumtuu Akkasuma Tawun Kee Hin Ooluu

Published by Ayele Gelan on

Ganama ar’aa, Taye Dandea fuula facebook isa irrattii waa katabee, Afaan Oromoo tiin!  Katabbii isaa kan calqabee, jecha Dr Abiy Ahmed tokkoonii.  Innis: 

“Oromoon kan Itoophiyaa, Itoophiyaanis kan Oromoo”

Hordoftootni Taye fi qeeqtotni isa samoona kana wal dhadheessa akka turan naaf gala.  Yaadniin kana gadditti keenuu, sana keesa akka wal najelaa hin makamnee nan sodaadha.  Kanaaf jedheen, akkan katabii Tayee argeen, dursee, yaada kana kara messenger Tayeetii ergee, waan natii mul’aatee hibsuufiidhaaf.  Wan nattii dhagahame, anumaaf isa jidduutii akka hafuuf!  Garu, Tayeen waanan kara messenger ergeef sana hin arginu fakkaata.  Walis hin beeknu.  Kanaafan amma asiraatii maxxansee, yaada itti dabalee, madee ba’lisee!

Ijoon dubbi Taye Dandea “ilaachii Dr Abiy Amhed Ethiopia dursee, Oromo dagatee jedhuu fallaadhaa” isa jedhu.  Waan faalla dha jedhee amanu kana qeequu dhaaf, Tayeen waan Dr Abiy jedhee keesaa yaada fudhatee calqabee. 

Dhugaadhumatti Oromia fi Ethiopia  addan baasani ilaaluun rakkisaadha.  Garu, Tayeen faallaan Oromia fi Ethiopia addaan baasani ilaaluu kuni, waanum dheengadda warri Dr Abiy qeequu, jiruu kootti jedhee uumee taasisee nu amansiisuu caraaqa.

Akkas jedha, Tayeen:

  • Dubbii “Abiyyi waan Oromoo dagatee waan Itoophiyaa qofa leellisa” jedhutu Fb irra olii-gadi kaata. Garuu waan hin fakkaanne. Namni Oromoo dagate akkamiin Itoophiyaa yaadata? Baale fi Arsii dhiisanii qonna Itoophiyaa fooyyessuun, Boorana, Gujii, Baale fi Horro dagatanii beellada Itoophiyaa ammayyeessuun, waan buna Itoophiyaa dubbataa Harargee, Wallagga, Gujii fi Jimma irraanfatuun, Qeerroo fi qarree dhiisanii rakkoo dargaggoota Itoophiyaa furuun akkamiin ta’a? Rakkoon kaleessa ture ni beekama. Waan Itoophiyaa odeessuu malee yaaduun hin turre.”

Mee jecha “Namni Oromoo dagate akkamiin Itoophiyaa yaadata?” isa jedhuu ha’ilaaluu. Kuni waan aja’ibaati. Arbi maal akka ta’ee beeknawoo, maaliif yeroo gubna maalumaa bineesa sana hibsuu irratii? (Since we know which animal we are talking about, do we really need to waste time trying to define the elephant?) Keessa waayee qonnafii beellada keesa maaliif Tayeen akka galee rabbiif isa duwwaatuu beeka.  Abiy waayee misooma baadiyaa irraatii yoo haasawu dannu hin beeknuu.  Qotiisa Ethiopia cimsee, kan Oromia laafisee kan jedhees hin jiruu.   

Itti fufee, Tayeen:

  • Kan ture maqaa Itoophiyaatiin kakataa Itoophiyaa hatuu dha! Itoophiyummaan dhaadataa Itoophiyaanota ukkaamsu dha! Rakkoo hardha biyya jeequ santu dhale. San furuuf waan Itoophiyaa tolchanii yaaduu barbaachisa! Dr Abiyyi dhuguma Itoophiyaaf yaada yoo jenne Oromoo keessaa dhiise jechuun hin fakkaatu. Otoo Oromoon dhukkubsatuu Itoophiyaan hin fayyitu. Yoo Itoophiyaan fayyite ammoo Oromoon hin dhukkubsatu. Oromoo dhiisanii Itoophiyaaf yaaduun cirumaa hin taatu! Itoophiyaan Oromoo alatti hin jirtu! Waan Oromoo qofa hojjatuu fi dubbatuun ammoo Oromoofuu hin toltu! Maaliif raatoftanii nama nagayaa raatessitu?

Sabboonuma “Itoophiyummaa” fi sabboonuma “Oromumma” jidhuu galaana bal’aan akka jiruu beekamadha.  Giddiraan “Itoophiyummaa” ol kaasuuf, “Oromumma” acuucuun waan amma bara Abiy aangooti ol bayee calqabamee mitii.  “Maaliif ilaalchii dur suunii ammas calaqisiifama” jedhani gaafachuun dhukkubsachuu mitii.  Gaafiin kunii saamuu nama bay’ee keesa jira.  Anile akkasumattan yaada, garuu nagadhuman jira jedheen abdadha:)

Ani Tayee hin hordofuu. Gara darbee maal irratii, maal fa’aa, attamiitii akka kattabee waantiin beekuu hin jiruu.  Isa kana, facebook irra yoo nanawu argeen dubbiisee. Waantiin dubbisee na ceeqee. Ottoon argee itti dubadhee waan natti dhaga’amee nama kanatii himee jedheen dhiphadhee.  Sunni waan hin taanee tawuu isa iddan argee booda kana katabuutii deebi’ee.  

Namicha Steve Young jedhamutuu, Afaan inglizitiin “Perception is reality. If you are perceived to be something, you might as well be it because that’s the truth in people’s minds.“ Gabaabaatii, “sabni ati akkasii jedhee yoo yaadee fi amanee, atumtuu akkasuma tawun kee hin ooluu”, mata duree katabbii kana!

Yaadni “Abiyyi waan Oromoo dagatee waan Itoophiyaa qofa leellisa” jedhuu jira.  Namoota bay’eetuu akkasiti yaada.  Perception kuni hundee godhachaa jira.  Dhugaa walitti himna yoo ta’ee, gara mirkanattii geedaramuudhafiis madeetuu hafee.  Kunii isa “namoonii dogogoran tokkotuu akkasiti yaada” jedhanii ofis, nama biraas gowwomsan sana mitii. “Dhoksuun fanxoo hin fayyiisuu” jedha Oromoon.

Gorsiin ani Tayee dha qabuu kana.  Duraan dursa, kijibuu dhiisii.  Abiy tii dhiyaata natii fakkaata.  Amma dande’ee fi amma beekuu ni gorsa ta’aa.  “Ilaalcha jiru kana waan ta’ee goonee sirirsuutuu nura jira,” jedhii Abiy gorsuu qabaa.  Yeroo amma kana Abiy jajuun, isa hin fayyaduu. Enna waan sirrii hojjatee, namni hunduu, dhiwos tawu alaala, ni jajna, arkas ni rukkunaaf.  Kunis barbaachisaadha, hamilee isa jabeesuudhafi, itti fufee caalatii wan saba gammachiisuu akka hojjatuuf.  Amma Abiy attattamaan kan isa barbaachiisuu garuu, “kuni haasirrawu” jedhee kan karaatii isa deebisuu.  

Akka toluufuu, gaafiin saba Oromo rakkissa mitii.  Abiy Oromo dhaa hooguu hin qabuu.  Hanqii Oromos hanbissuun isa irraa hin jiru.  Kara mirkana irra deemuu duwwan gaafiiwaan oromo tiif deebii keenuu danda’aa.  Gartookee, gochaan hatatamman deebii keenuu qaba.  Garu, gaafii hundaaf ar’uuma deebii haa keenuu jedhee kan eegees hin jiruu.  Garu, booda deebii keenuu akka danda’amu abdiin jiraachuu qaba. 

Yeroo bay’ee Abiy “maaliif sabni Oromo yeroo naaf keenuu didee, yeroo gabaabaa keessatii maaliif na cinqittanii” jedhee yoo komatee dubbatuun dhaga’aa. Dhugaa dhubaachuuf, kuni dogogora.  Amma naaf galutii, sabni Oromo maaliif rakkina jiran nuuf hiikuu diiddee jedheetii mitii kan Abiy qeequuf.  Waa obsuu saba Oromo bira kan gawu hin jiru.  Rakkoon jiru kan biraatii. Sabni Oromo kan jecha jiru, “waan ati jecha jirtu, daandiin atii irra deema jirtuu, ilaalaa jira.  Karaan suni bakka nuti hawinuu nugeessuu akka hin dandeenyee jela muree beekna!”

Ilmii Oromo kana ilaalee xinxaleetii kan “Abiyyi waan Oromoo dagatee waan Itoophiyaa qofa leellisa” jechaa jiruu.  Saba Oromotiin yoo akkanatii yaaduu, “sammuun keessan naga ta’uu shakina jechuu dhiisatii”, “waanti saba nutti mufachiisa jiruu maal fa’aadhaa” jedha wal gaafadha, Taye fi jaareen kan Abiy ti dhiyaattanii jirtaan.  Namoota Abiy jajan duwaa ottoo hin taanee, namoota qeeqanis dhageefadha. Kan isin qeequu hundi diina keessan akka hin taanee hubadha. 


Leave a comment:

Your email address will not be published. Required fields are marked *


CAPTCHA Image