Dhiichisa

Published by Ayele Gelan on

Dur ilmii Oromoo – yoo lolatuu,

Shimala qaqee – waaliin dhayee yoo qolatuu!

Lola shaakaluu – dhiichiisaa,

Booree galee kaasani – garaa wal boreesaa!

Waraanaa yoo qophaawuu,

Guyyaa giitiif – yoo si’aawuu!

Yoo harqqaa geerraru – diina kokkee qaabuuf hudhee,

Akkas jedha turee – wal jelaa fuudhee!

“Ya hiriyee sii abadadhuu?”

‘Eye abadadhu!’

“Maal abdiin?”

‘Karaa kee eeggadhu – karaa koo nan badadiinii!!’

Akkas jedhe yoo caraanuu – asi achii utaalee,

Hunduu goota turee – kan mu’atuu lolee,

Wal abdachuutu turee – shakii malee!

Amma garuu – geeddarameera barrisaa,

Dhalfaatu akka jagnatti geerraree roorissaa!

Abdii sobaa – gad xinniqsaa,

Qabsoo kara irra dabsa,

Saba gurmaayee bittinneesa,

Qeeroof foolee dagachiisa!

Akka abbootiin – dur jedhan,

Kan darbee – hin darbattan,

Eeboo darbbattani – jinfuu hin qabatan!

Kanaafuu yaa qeeroo – itti muddii dhiichisa,

Garu hin dagatiin – wayee naamusa!

Ilbiissottatu – si bukkee babarrisaa,

Akeekkedhuu, addaan baasii – tisiisaa fi kanniisaa!

31 December 2017


Leave a comment:

Your email address will not be published. Required fields are marked *


CAPTCHA Image